Limit this search to....

Qeerroo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Qeerroo: Caya Bilisummaa Oromoo
Contributor(s): Abaoli, Mohammed (Author)
ISBN:     ISBN-13: 9798606483976
Publisher: Independently Published
OUR PRICE:   $34.19  
Product Type: Paperback
Language: Afrikaans
Published: January 2020
Qty:
Additional Information
BISAC Categories:
- Fiction | African American - Historical
Physical Information: 0.61" H x 5" W x 7.99" (0.65 lbs) 268 pages
 
Descriptions, Reviews, Etc.
Publisher Description:
Oromiyaan/ Orombiyyaan/ Ormaaniyaan dachii badhaatu baha ardii Afriikaatti argamtu; kan ol'aantummaadhaan ilmaan Oromoo irra jiraatan; biyya Oromooti. Maqaa "Oromiyaa" jedhu yeroo jalqabaatiif kan moggaasee dhimma itti bahuun babal'ise dhaaba haqa falmataa tahe "Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)" ti. Lafti ummatni Kuush yookaan Nuubiyaa ykn Itophiyaa durii qubatan laga Naayil gara gadii fi giddu galeessa keessa ture. Ummatni Oromoo bara 3500 Dh.K.D. irraa kaasee akka sabaatti Kuush-bahaa irraa adda bahuu isaa seenaatu dubbata. Osoo Oromiyan dhiibbaa mirga habashootaatiin hin qabamiin dura lafti Oromiyaa qabeenya uumamaatiin kan akkaan badhaatee fi harka 70 bosona akka ture ni amanama. Ummanni Oromoo walitti aansuudhaan jarraa tokkoo fi walakkaadhaa oliif qabsoo diddaa gabrummaa fi hacuuccaa sirna gita bittoota habashaa taasisaa ture. Adeemsa sirna gita bittaa nafxanyootaa keessatti aatsewwan habashaa: Tewodroos waggaa 13, Zawdituun waggaa 7, Lij Iyyaasuun waggaa 3, Yohaannis waggaa 17, Minilik waggaa 25, fi Hayila Sillaaseen waggaa 44 Oromummaa diigaa fi Oromiyaa saammachaa adeemsa 'Amhaaressuu' nurratti raawwachaa turani. Itti darbees mootummaan Dargii waggoota 17'f ummata oliif gadi walitti lallaaqee; sabaa fi sab-lammiilee impaayera biyyattii keessa jiran waliin dhahaa eenyummaa ummata keenyaa burjaajessaa ture. Garuu qabsoo Oromoon bilisummaadhaaf godhu itti jabeessuu malee of duuba deebisuu hin dandeenye. Wayyaaneen kan fayyadamte seeruma dur nafxanyoonni "Baariyaan-Baraas" jettu sana maqaa qofa irraa mulqanii ummata keenya maqaa dhaabbilee siyaasaatiin hidda gadi fageeffattee walumaan walitti ummata meeshaa godhatanii waliin wal ficcisiisaa hardha gahan. Humna hunda caalaa humna akkanatti ummatni walirratti ijaarametu biyya Oromoo cabsee galaafata lubbuu, dhibaafata qabeenyaa fi qajeelfata godaansaatiin ummata keenya gahe. Haa tahu malee akka yaadde sanatti ummata guutummaatti cabsuu waan hin dandeenyeef, karoora adda tahe itti baafachuuf dirqamte. Karoorri ishee kunis inni jalqabaa Oromoota barumsaan fagaatan biyya irraa ari'uu, miseensota wayyaaneetiif ragaa barnoota sobaa kennuu, adeemsa sirna barnoota Oromiyaa keessaa hundeetti laamshessuu, dargaggoota Oromoo hoji dhabdummaaf saaxiluu fi biyyaa baasuu, fi akkasumas diinagdee Oromiyaa laamshessuudha. Haaluma kanaanigaa kan yartuun woyyaanee waggoota 27'n darbaniif dhiiga ilmaan Oromoo jigsaa, lafee caccabsaa, qabeenya keenya saamaa fi saamsisaa nu burjaajessaa turte. Adeemsi kun jabaachaa dhufuun isaa ummanni bakka hundaa dammaqiinsaan tahe jedhee waan ofiitiif hordoffii akka godhuu fi tokkummaan akka dhaabbatu taasisee jira. Keessumattuu adeemsi lafa saamichaa maaster pilaanii magaala Finfinnee sababeeffachuun jalqabe, godaansa biyya keessaa fi gara alaatti godhameen namoonni miliyoona 2.8 buqqa'uun isaanii Oromoon bakka jiru hundaa akka wal dhagahuu fi wal cinaa dhaabbatu godhee jira. Kana irratti adeemsi gurmii qeerrowwan biyya keessaa fi biyya alaatiin godhame gahee isarraa eegamu bahatee jira waan jechisiisuudha. Adeemsi gurmii qeerroo bakka hundaa hammate kun injifannoo dhaabbileen siyaasaa Oromoo waggoota hedduuf hin gonfatin galmeessisee jira. Kanaafimmoo bu'aawwan argaman kana dhandhamachaa kaayyoo abbootiin keenya jalqaba guduunfan sana galmaan geenyee dhaloota dhufu Oromiyaa bilisoomte dhaalchisuuf daran tokkummaa keenya cimsinee, beekaa keenya dhaggeeffataa; wallaalaa keenya gorfataa; jallataa keenya qajeelfataa gara fuulduraatti deemuun dirqama dhaloota hardhaa kana tahuu beeknee of haa jabeessinu.